Aljeeriyaan Namoota Beekaatama Bosona Gubaniifi Daa'ima Butan Du'aan Adabuufi
Aljeeriyaan balaa ibiddaa walitti fufinsaan naannolee biyyattii gubeen booda seera namoota beekaa bosonatti ibidda qabsiisan du'aan adabu raggaasuufi. Miseensonni mana maree waliigalaa seera wixinee kana irratti sagalee kan kennan yoo tahu, daa'ima butuunis yakka adabbii du'aa qabaatu tahuun labsameera. Pireezidantiin Aljeeriyaa Abdeelmajiid Tiboonee ministeerri haqaa seera yakkaa akka geeddaru ajajaniiru. Biyyi kaaba Afrikaa kuni yeroo ho'a cimaa keessa turtetti kaaba-baha biyyattii keessatti balaan ibiddaa marsaa 100 tahu qaqqabee jira. Akka Ministarri Haqaa Looftii Boojeemaa ibsanitti, gocha kanaaf adabbii du'aa qabaachuun yakka kana hir'isuuf deebii seeraa sirrii dha. Akka gabaasa oofishaalaatti namoonni 12 balaa ibiddaatiin kan du'an yoo tahu, gabaasni miidiyaa dhuunfaa ammoo lakkoofsi kun 200 gahuu danda'a jedha.
Oduu guutuu dubbisi: BBC Afaan Oromoo
BBC Afaan Oromoo
Capital Ethiopia · Sadaasa 2, 2026
DW Amharic · Sadaasa 2, 2026
Birr Metrics · Sadaasa 2, 2026
Jawar Mohammed · Sadaasa 2, 2026