Magaalaa Maqaleefi Naannoosheetti Tajaajilli Bilbilaafi Intarneetii Deebi'e
Magaalaa guddoo Naannoo Tigraayi Maqaleefi naannawwashee akka Wuqrootti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii guyyoota kudhaniif addaan citee ture deebi'ee eegaluu jiraattonni mirkanaessaniiru. Tajaajilichi kan addaan cite waldhibdeen mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti uumame hammaachuusaa hordofeeti. Humnoonni federaalaa Sambata waaree booda Maqalee to'achuusaniitiin walqabatee tajaajilli interneetiifi bilbilaa Wiixata ganama irraa eegalee deebi'ee hojjechuu jalqabeera. Humnoonni federaalaa magaalattii erga to'atanii booda, TPLF dhiibbaa waraanaa jiraattota irra ga'u hir'isuuf jecha "yeroodhaaf" Maqalee gadhiisee bahuusaabieksiseera. Tajaajilli interneetii deebi'uun isaas rakkoo maallaqa dabarsuu moobaayilaa guyyootan darban keessa mudatees kan salphisu ta'uu jiraattonni addeessaniiru. Dhiheenyatti saamichi dhaabbilee mootummaa irratti raawwatamaa ture humnoota nagaa waliiniin tasgabbaa'aa akka jirus eerameera.
Oduu guutuu dubbisi: BBC Afaan Oromoo
BBC Afaan Oromoo
Capital Ethiopia · Sadaasa 2, 2026
DW Amharic · Sadaasa 2, 2026
Birr Metrics · Sadaasa 2, 2026
Jawar Mohammed · Sadaasa 2, 2026