Zena Digest
Oromoo
BBC Afaan Oromoo2

AFBN marii dhaabbileen idil-addunyaa hoogganan yoo dhiyaate deebii kennuuf qophii ta'uu ibse

Dubbi himaan Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa (AFBN) Asires Maaree, mariin nagaa dhaabbileen idil-addunyaa fudhatamaafi muuxannoo qaban hooggananiifi raawwii isaa hordofan yoo dhiyaate gareen isaanii deebii kennuuf qophii ta'uu BBC'tti himaniiru. Asires kana kan jedhan haasaa Ministirri Muummee Abiy Ahimed dhiyeenya kana paarlaamaatti taasisan irratti deebii kennaniini; MM Abiy hidhattoonni karaa nagaa akka hojjetan gaafachuun mootummaa kuffisuu akka hin dandeenye akeekkachiisaniiru.

Asires waamicha mootummaa kana waamicha marii osoo hin taane waamicha harka kennadhaa jechuun fudhatama dhabsiisaniiru. Mootummaan gaaffii siyaasaa Amaaraa karaa nagaa furuuf hojii qabatamaa hin hojjenne kan jedhan Asires, dursaan AFBN Zammanee Kaasee ergamaa addaa UN Gaanfa Afrikaa Gwaang Koong waliin mari'achuun mootummaa irratti dhiibbaan akka taasifamu gaafachuu isaanii ibsaniiru.

Full story: BBC Afaan Oromoo

Related stories

Zena Digest
Ethiopian news in Amharic, Afaan Oromo and English
Get it on Google Play

More Ethiopian news

All the latest news →