Zena Digest
Oromoo
ENA

Ministiroonni Dhimma Alaa Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa hariiroo biyyoota lamaanii irratti mari'atan

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootewos Itti Gaafatamtuu Ministeera Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa Seesiiliyaa Aduut Maanyook Adeeng waliin mari'atan. Mariin isaaniis hariiroo michummaa fi tumsa gam-lamee yeroo dheeraa biyyoota lameen gidduu jiru caalaatti cimsuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Ministir Geediyoon Itoophiyaan filannoo Sudaan Kibbaatti gaggeeffamuuf jiru deeggaruuf qophii ta'uu mirkaneessuun, biyyi isaanii adeemsa kana dhiyeenyaan hordofaa akka jirtu ibsan. Gama isaaniitiin, Ministir Adeeng gumaacha Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaatiif gootetti gammaduu himaniiru. Dabalataanis, deeggarsi barnootaa Itoophiyaan barattoota Sudaan Kibbaatiif kennaa jirtu gatii guddaa akka qabu eeran.

Full story: ENA

Related stories

Zena Digest
Ethiopian news in Amharic, Afaan Oromo and English
Get it on Google Play

More Ethiopian news

All the latest news →