Waraanni Eritriyaa Daangaa Itoophiyaa Ce'ee Gara Jiddugaleessa Tigraay Socho'aa Jiraachuu Gabaasame
Waraanni Eritriyaa ifatti daangaa Itoophiyaa ce'ee Adigraat dabree gara jiddugaleessa Tigraay socho'aa akka jiru miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru. Yeroo ammaatti loltoota Itoophiyaafi Eritriyaa jidduu fageenya kiiloomeetira 50 hin caalletu jira. Tarkaanfiin kun qeeqa dhiibbaa diplomaasii kanaan dura mootummaa Itoophiyaa irra ture laaffisuu danda'a kora jedhutu jira. Ameerikaan, Awuroppaan fi Raashiyaan daangaa walitti hin darbinaa jedhanii osoo akeekkachiisanii, tarkaanfiin kun saaxilamummaa diplomaasii fida. Adeemsiifi goolabbiin lola kanaa fuulduree ummataa, biyya keenyaa fi naannawa Gaanfa Afrikaatiif hedduu murteessaa dha. Kanaafuu, dhimma kana moggaa taa'anii ilaaluun filannoo akka hin taane ibsameera.
Oduu guutuu dubbisi: Jawar Mohammed
Jawar Mohammed
Capital Ethiopia · Sadaasa 2, 2026
DW Amharic · Sadaasa 2, 2026
Birr Metrics · Sadaasa 2, 2026