Chaayinaan Maashina Nyaapha Qulqulleessu Humna AI'n Hojjetu Hojii Irra Oolchite
Chaayinaan maashina nyaapha (aramama) qulqulleessu kan teeknoolojii sammuu namtolchee (AI) 'n hojjetu lafa qonnaa gurguddoo irratti hojii irra oolchitee jirti. Maashiniin tokkoon tokkoo isaanii kaameraa, teeknoolojii AI fi leezariin kan itti fe'ame dha. Kaameraan sun biqiltoota yemmuu sakatta'u, AI'n ammoo madaallii gochuun biqiltuu qonnaa fi nyaapha addaan baasa. Kunis mimmiidhaa malee midhaan qonnaa akka eegamu gochuuf gargaara. Akka gabaasa Xinhuatti, maashinaaltonni kunneen gara Awustiraaliyaatti ergamuun lafa qonnaa gurguddoo irratti tajaajila kennaa jiru. Akkasumas qonnaan bultoonni qoricha aramaa osoo hin fayyadamin aramaa haala gaariin akka to'atan gargaaree jira. Teeknoolojiin kun qonna ammayyaa fi naannoo hin faalleessine diriirsuu fi babal'isuu keessatti gahee guddaa qaba.
Oduu guutuu dubbisi: Tikvah Ethiopia
Tikvah Ethiopia
Capital Ethiopia · Sadaasa 2, 2026
DW Amharic · Sadaasa 2, 2026
Birr Metrics · Sadaasa 2, 2026
Jawar Mohammed · Sadaasa 2, 2026