Matakkal bakka Daalattiitti namoonni nagaa sadii ajjeefamuu maatiin himan
Naannoo Beenishaangul-Gumuz, Godina Matakkal, bakka Daalattii jedhamutti namoonni nagaa sadii kanneen maqaan isaanii Alamuu Mul'isaa, Tasfaayee Guutumaa fi hiriyaa isaanii biraa ajjeefamuu maatiin isaanii BBC'tti himaniiru. Hiriyoonni kunneen jalqaba baatii Sadaasaa magaalaa Adaamaarraa gara naannichaatti kan imalan hojii albuuda baasuuf ture.
Gabaasichaan akka ibsametti, halkan isaan magaalattii keessa bulanitti hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta'uu shakkaman Daalattii to'atanii kan turan yoo ta'u, turtii muraasaan booda humni mootummaa naannoo Beenishaangul-Gumuz deebisee to'ateera. Erga magaalattiin humnoota mootummaan to'atamtee booda qunnamtiin maatii waliin qaban adda citee, sa'aatii muraasaan booda reeffa isaanii miidiyaa hawaasarratti arguu maatiin dubbataniiru. Maatiin kunneen ajjeechaa kanaaf humnoota mootummaa naannoo Beenishaangul-Gumuz itti gaafatamoo taasisuun, utuu Raayyaan Ittisa Biyyaa hin ga'in jumlaan awwaalamuu himanii mootummaan federaalaa qorannoo walabaa akka taasisu gaafataniiru.
Full story: BBC Afaan Oromoo
BBC Afaan Oromoo
Tikvah Ethiopia · 25 Nov 2026
Addis Fortune · 25 Nov 2026
DW Amharic · 24 Nov 2026
Birr Metrics · 24 Nov 2026