Qorannoo saayinsii: Namootni sa'aatii muraasa qofa rafanii ka'an maalif?
Qorattoonni saayinsii namoota akka Eemii Piiwu fi Bernaand kanneen yeroo gabaabaaf rafatanii guyyaa itti aanu anniisaa gaarii qabaatan irratti qorannoo geggeessaniiru. Qorannoon Yunvarsiitii Kaalifoorniyaa akka ibsutti, haalli kun jijjiirama qaccee sanyii (genetic) waliin walqabata. Saayinstistoonni jijjiiramni kun gara fuulduraatti hirriiba dhabuu ykn dhibee hirriibaa furuuf gargaaruu akka danda'u himaniiru. Ta'us, qorattoonni akka akeekkachiisanitti, namootni qaccee sanyiitiin hirriiba gabaabaa rafan kun, gara fuulduraatti dhibeewwan akka Paarkisanii, kaansarii ykn waa dagachuu irraa ittisuuf xiyyeeffannoo gochuu qabu; hirriiba gahaa dhabuun yeroo dheeraatti miidhaa geessisuu waan danda'uuf jechuudha.
Full story: BBC Afaan Oromoo
BBC Afaan Oromoo
Tikvah Ethiopia · 25 Nov 2026
Addis Standard · 24 Nov 2026
Capital Ethiopia · 25 Nov 2026
DW Amharic · 28 Nov 2026