Zeleniskiin Tiraamp Putiniin 'michuukoo' jedhee waamuu hordofee Putiniin 'nama ajjeesaa' jedhe
Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskii, pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiniin 'diina keenyaa fi nama ajjeesaadha' jechuun ibsan. Kunis Doonaald Tiraamp Putiniin 'michuukoo' jedhee waamuu isaa hordofee gaaffii fi deebii CNN waliin taasisaniin kan dubbatame dha. Zeleniskiin Tiraamp Putiniin maqaa barbaadeen waamuu danda'us, Putin guyyaa fi halkan Yuukireen irratti haleellaa raawwachaa jiraachuu ibseera. Guyyaa Jimaataa haleellaa Raashiyaan Kiiv irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni sagal yoo du'an, buufataalee baaburaa fi riqichootnis miidhamaniiru.
Zeleniskiin Raashiyaan misaa'ilota 110 fi diroononni 400 ol fayyadamuun haleellaa bara kanaa isa hamaa raawwachuu ishee himeera. Tiraamp garuu Waayit Haawus keessatti Putin waraana dhaabuu akka barbaadu dubbatee, ammas Putiniin 'michuukoo' jedhee waameera. Gama biraatiin, Poolaand yeroo haleellaa kanaatti wantoonni sadii daangaa qilleensaa ishee cabsanii seenuu fi tokko misaa'ila Raashiyaa ta'uu beeksifte. Muummeen Ministiraa Poolaand Doonaald Taaskii fi Hogganaan NATO Mark Rutte gocha kana balaaleffatanii xiyyaaronni waraanaa NATO battalatti kaafamuu ibsaniiru.
Full story: BBC Afaan Oromoo
BBC Afaan Oromoo
Tikvah Ethiopia · 19 Nov 2026
Addis Standard · 21 Nov 2026
DW Amharic · 28 Nov 2026