Poolisiin Finfinnee fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa 26ffaaf daandiiwwan cufamuu beeksise
Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee dorgommii Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa yeroo 26ffaaf gaggeeffamu jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan murtaa'oon konkolaataaf cufaa akka ta'an beeksiseera. Dorgommiin fiigichaa ka'umsaa fi gahumsa isaa Addabaabayii Masqalaa taasifate kun Sadaasa 13 bara 2019 A.L.Itti Finfinneetti ni gaggeeffama. Dorgommicharratti hirmaattonni biyya keessaa fi alaa hedduun, ambaasaaddaroonnii fi atileetonni affeeraman akka hirmaatan ibsameera. Poolisiin nageenya waliiniitiif jecha sakatta'iinsi kan jiraatu ta'uu eeruun, hirmaattonni deeggarsa barbaachisaa akka taasisan gaafateera.
Full story: Natnael Mekonnen
Natnael Mekonnen
Tikvah Ethiopia
DW Amharic · 23 Nov 2026
Capital Ethiopia · 21 Nov 2026
BBC Afaan Oromoo · 21 Nov 2026