Waggaa 15ffaa Xumura Bulchiinsa Muammar Gaddafi
Guyyaan har'aa hogganaa Libiyaa Koloneel Mu'ammar Gaddafi aangoo irraa bu'anii du'anii waggaa 15 guutuu dha. Gaddafi bara 1969 hanga 2011 Libiyaa kan bulchan yoo ta'u, biyyattii gama diinagdee fi tajaajila hawaasummaatiin jijjiiruus, gama biraatiin bulchiinsa hammeenyaa, mirga namoomaa dhiibuufi mormitoota irratti tarkaanfii suukanneessaa fudhachuun beekamu.
Bara 2011 yeroo 'Araba Spring' ka'etti, gargaarsa NATOniifi biyyoota dhihaa hordofee mootummaan isaanii kufe. Gaddafi magaalattii dhaloota isaanii Sirtti bakka dhokatanitti kan ajjeefaman. Haata'u malee, kuffatii Gaddafi booda Libiyaan nagaa fi dimokiraasii argachuu hin dandeenye. Biyyattiin amma lolaa fi qoodamuu siyaasaa keessa kan jirtu yoo ta'u, kufaatii diinagdee fi dhabamuu mootummaa giddugaleessaa cimaan mudatee jirti.
Oduu guutuu dubbisi: Tikvah Ethiopia
Tikvah Ethiopia
Capital Ethiopia · Sadaasa 2, 2026
DW Amharic · Sadaasa 2, 2026
Birr Metrics · Sadaasa 2, 2026
Jawar Mohammed · Sadaasa 2, 2026