Godina Oromiyaa lixaa keessatti haleellaa hidhattootaan lubbuun namootaa darbe
Godina Oromiyaa lixaa, aanaa Kiramuu ganda Gudina Jireenyaa fi aanaa Abedongoro keessatti haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni nagaa lubbuun darbuu fi qabeenyi barbadaa'uu jiraattonni ibsan. Aanaa Kiramuu keessatti qofa reeffi namoota ja'aa argamuu fi humnoonni nageenyaa achi waan hin jirreef baay'inni namoota du'anii sirriitti beekuun ulfaataa ta'uu ibsameera. Jiraattonni akka jedhanitti, manni jireenyaa fi warshaan daakuu gubachuu irraa kan ka'e, namoonni baay'een sodaa lubbuuf jecha gara bosonaa baqachuu isaanii dubbatu. Haaluma walfakkaatuun, aanaa Abedongoro keessattis walitti bu'iinsa hidhattootaa fi humnoota nageenyaa gidduutti gaggeeffameen namoonni nagaa miidhamuun himameera. Jiraattonni walitti bu'iinsi irra deddeebi'ee mudatu kun sodaa cimaa keessa akka jiran ibsuun, mootummaan rakkoo kana furuuf tarkaanfii akka fudhatu gaafataniiru.
Oduu guutuu dubbisi: DW Amharic
DW Amharic
Tikvah Ethiopia · Sadaasa 5, 2026